Jump to content

User:Aira.office

From Wikipedia, the free encyclopedia

Aanaa Aayiraa

Aanaan Aayiraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ,Godina Wallagga lixaa keessatti argamu ta’ee Finfinnee irraa kiiloomeetira 514 fagaata. Kabaan Aanaa Gullisoo, kibbaan Aanaa Yuubdoo, bahaan Aanaa Gullisoo fi Yuubdoo, lixaan Aanaa Gaawoo Daallee fi Aanaa Daallee Sadiin daangeffamti. Aanaan Aayiraa Aanaa Aayiraa-Gulisoo waliin kan walitti hidhamee ture ta’ee Caamsaa 17 bara 1999 of-danda’ee hundaa’e.

Bal’inni lafaa Aanichaa hektaara 42,688 yemmuu ta’u gandoota baadiyaa 15 fi gandoota magaalaa 3 of-keessatti qabata. Sabootaa fi sab-lammiin garaa garaa magaalaa guddittii Aanichaa kessa ni jiraatu. Walumaa gala uummanni 74,800 ta’an Aanicha keessa kan jiraatan yemmuu ta’u, Amantiin hawwaasichi hordofu baayinaan Amantaa kiristaanaa fi Musiliimaati.

Hawwaasi Aanichaa Afaan Oromoon kan Afaan saaqqatu fi aadaa ofiisaa kan akka aadaa fuudhaa fi heerumaa ,aadaa nyaataa fi dhugaatii,aadaa hojii , aadaa wal-gargaarsaa, aadaa gumaa araarsuu fi kkf ni qaba. Haalli qilleensa Aanichaa badda daree yemmuu ta’u Misooma Qonnaafis ta’e horsiisa Beelladaatiif haalli qilleensaa jiru mijataadha.Harki caalaan uummata Aanichaa hojii qonnaa fi qonna wal-makaa geggeessuun jiraatu.Gosoonnii midhaanii kan akka midhaan dheedhii,midhaan Agadaa, midhaan biilaa,midhaan zayitaa fi bunni madda galii hawwaasa Aanichaati.Horsiisi beey’ladaa fi misoomni Dammaas madden galii Aanichaatti.Kana cinattis hojiwwan daldala garaa garaan galii mataa isaanii uummatanii kan jiraatanis ni jiru.

Bakkeewwan bebbeekamoon kan akka Bosona Koyyan ,Bosona Mannii Fincaa’awwan garaagaraas kan akka Fincaa’aa Abbaa Qucuroo fi Fincaa’aa Kusaa’ee hawwachiisaa ta’uun uumamni uumaa akka dinqifatuuf carraa uumanii jiru.Gama biraatiin mukeetii fi bineensota bebbeekamoon jiraachuun Aanichaatti Abdii horanii jiru.’’Dhagaan Gordanaa’’ ykn sibiilli iron jedhamu Aanicha keessaa waan argamuuf addumaan Aanattiif beekamtii guddaa kennuu irra darbee babal’achuu induustirii Godootiif shoora olaanaa taphateera.Kana cinattis Warqeen Laga Birbir,Laga Abayi fi Laga Baqqal jiru Aanicha bakka argama qabeenya uumamaa ta’uu irra darbee hoji dhabeeyyiif sadarkaa adda addaaf madda galii ta’uun tajaajilaa jira.Tulluu Aayiraa guddichis iddoo seena qabeessa Aayiraaf beekamtii kennu keessaa isa tokko dha.Akkasumas gamoon (G+1)mukaan ijaarame umurii waggaa 100 ol-ta’u magaalaa Aayiraa ganda o1 keessa jiraachuun Ayiraan bakka hambaalee seenaa taasisee jira. Lageen gurguddoon kan akka Laga Birbir,Laga Abayi, Laga Jawwee ,Laga Malkaa hiddaa,laga Heennaa , laga Arbaa ,laga suchii fi laga daalachaa bosona hawwataa magariisaan uffifamanii miidhagina Aanichaa ta’uu irra darbee bakka bultii Bineeldota bosonaa ta’uun tajaajilaa jiru.Lageen kanneen keessaa lagi Birbir,lagi malkaa Hiddaa fi lagi Jawwee tajaajila misooma jalliisii kennuun jiruu fi jireenya hawwaasichaa jijjiiruu keessatti shoora olaanaa qabu. Gama biraatiin barnoota lammii hundaa biraan ga’uuf manneen barnootaa mootummaa kutaa 1-8 tii 31 fi 9-12n 4 ,mit –mootummaan kutaa 1-8 tii 3 fu 9-12n 1, walumaa gala manneen barnootaa 39n hojiin baruu fi barsiisuu kan geggeeffamaa jiru yemmuu ta’u barattoonni 16,736 ta’an idileen barataa jiru.Kolleejjiin BLTO Aayiraa fi Dhaabbanni BLTO Aayiraa levelii garaa garaan leenjisuun akkasumas leenjii gaggabaaboo kennuun hoji-dhabeeyyii garaa garaa hojii akka uummatan gochuu keessatti gahee Leencaa taphataa jiru.

Yuuniversiitiin Dambii Dolloo barnoota torbeen leenjii barnoota olaanaa damewwan garaa garaan kennuu eegaluun immoo Aanichaaf carraa kan biraa uumee jira. Dhaabbilee mootummaa cinatti dhaabbilee mit-mootummaan bu’uuraaleen misoomaa garaa garaa jiraachuun Aanaa Aayiraa adda kan taasisu keessaa isa tokkoo dha.Kolleejiin Raadaa fi Kolleejjiin Rifti Vallii, Akka Wallaggaatti beekamtii guddaa kan qabu “Hospitaalli Aayiraa’’guddichi jiraachuun,Kolleejjiin Neersotaa fi Kolleejjiin Macaafa qulqulluu Oneesmoos Naasiibiin waamamu jiraachuun Aanicha giddu-gala yaalaa fi barnootaa akka taatuuf beekamtii dabalataa kenneefii jira.Dabalataanis dirreewwan ispoortii garaa garaa gandeen Aanichaa hunda keessa jiraachuun dargaggoota aanichaaf bakka oolmaa ta’uun tajaajila kennaa jira. Gandeen baadiyaa 15 Aanichi qabu hunda keessatti Kellawwan Fayyaa jiraachuu fi Buufataaleen Fayyaa namoota 25,000 ol-keessummeessuu danda’u magaalaa Aayiraa fi Magaalaa Boondawoo Suchii keessa jiraachuun hawwaasa fayyabuleessa misooma hara’aa borii keessatti gahee isaa bahatee badhaadhina milkeessu uumuuf gahee guddaa taphateera.Oomishaa fi Oomistummaa dabaluuf wiirtuun leenjii qonnaan bultootaa jiraachuu fi waldaaleen qonnaan bultootaa gandeen hunda keessa jiraachuun qonnaan bultoota hojii teekinooloojii qonnaan ammayyeessuu fi oomishaaleen qonnaan bultootaa gabaa giddu-galeessaa akka qaqqabuuf carraa jiraniidha.

Daandiin Asphaaltii guddichi walakkeessa Magaalaa Aayiraa qaxxaamuru magaalattiin giddu gala daldalaa fi investimentiif mijattuu akka taatu carraa dabalataa uumeefii jira.Kana cinattis daandiwwan bonaa fi gannaa gadeen baadiyaa fi magaalaa Aayiraa wal qunnamsiisu diriiruun baadiyaatti babal’ina hojii investimentiif shoora guddaa waan qabuuf abbootii qabeenyaa misoomawon itti fayyadamaa jiru.Kan cinatti qilleensa irraan dhufuufis dirreen xiyyaaraa mijataan Qurxaa waan jiruuf simannaa abbootii qabeenyaa fi Diyaaspooraa garaa garaatiif haalli mijataan ni jira,Tajaajilli ibsaa,kan bilbilaa,kan mana poostaa,kan manneen Baankii garaa garaa akka gaariitti waan jiruuf hojii tajaajila daldalaa fi kominikeeshiniif haalli jiru mijataa dha.Kanaafis Abbootii qabeenyaa garaa garaa hawwachiisuun harkisaa jira.

Gama investimentiin baadiyaatti Dhaabbanni Asii Kaanaa,Dhaabbanni Kumii Faarmii fi Heennaa Faarmii ,magaalaatti Warshaalee fi Riizortiiwwan garaa garaa hoj-dhabeeyyiif hojii uumuunis ta’e tajaajila garaa garaa kennuun hawwaasicha fayyadamaa godhanii jiru.

Walumaagalatti Aanaan Aayiraa hojiiwwan siyaas-dinagdee fi hawwaasummaatiif uumamanis ta’e nam-tolcheen haal-dureewwan mijatoon waan jiraniif abbootiin qabeenyaa garaa garaa keessatti hojjechuuf carraa bal’aa waan qabaniif kottaa ! nu waliin hojjedhaa jechuun waamicha dhiheessa.